Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiiwwan garagaraa barttoota isaanii eebisiisan

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2013 (FBC)- Yuunivarsiitiiwwan garagaraa barttoota isaanii eebisiisaniiru.
Yuunivarsiitiin Jimmaa marsaa 2ffaan muummee garagaraan digirii jalqabaa, lammaaffaa fi sadaffaan barsiisaa ture barattoota kuma 4 fi 311 guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Barattoota eebbifaman keessaa kumni 3 fi 950 digirii jalqabaan yoo tahu, kanneen keessaa kumni 1 fi 530 barattoota shamarraniidha.
Digirii lammaffaan ammoo barattootni shamarrannii 45 keessatti kan argaman barattoota 354 eebbisiiseera.
Digirii sadaffaan barattoota 3 fi barattoonni 4 ammooo eebbiffamtoota ‘sub specialist’ tti.
Yuunivarsiitiin Jimmaa baatii Onkololeessa darbe barattoota kuma 1 fi 409 eebbisiisuun isaa ni yaadatama.
Haaluma walfakkatuun Yuunivarsiitiin Wallaggaa barattoota muummee garagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 398 guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Yuunivarsiitichi barattoota eebbisaa jiru keessaa digirii jalqabaa 3013, digirii lammaffaa 344, dooktaroota yaalaa 40 dha.
Yuunivarsiitiin Arsii Dooktaroota Ispeeshaalistoota ogummaa yaalii garaa garaatiin barsiisaa ture 24 Marsaa duraatiin eebbisiiseera.
Yuunivarsiitiin Qabira Dahaar bakka Itti Aanaa Preezdaantii Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammaadii fi hoggantoonni hojii naanniichaa fi federaalaa argamanitti barattoota barsiisaa ture 612 eebbisiiseera.
Yuunivarsiitiin Kotobee Meetroopolootaan guyyaa har’aa barattoota kuma 2 fi 39 bakka Itti Aantuu Kantiibaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee argamanitti eebbisiiseera.
Haaluma wal fakkaatuun, Yuunivarsiitiin Addigiraat barattoota barsiisaa ture eebbisiiseera.
Sirna eebbaa kanarratti Ministirri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaatoo, hojii raawwachiisaa olaanaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Dooktar Muluu Naggaa fi keessuummoonni argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.