Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldala Ityoophiyaa dameewwan tajaajilaa tokko tokkorratti fooyya’iinsa gatii taasiise

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa dameewwan tajaajilaa Liqii dhalaa fi tajaajila baankii idil addunyaarraatti fooyya’iinsa gatii taasiisuu beeksise.
Preezdaantiin Baankii Daldala Ityoophiyaa obbo Abbee Saannoo fooyya’iinsa tajaajila gatii guyyaa har’aa eegalee hojiirra oolu ilaalchisee ibsa laataniiru.
Rakkoo galii fi baasii baankichaa sirreessuuf tajaajiloota kana dura gatii gadi aanaa fi bilisaan laatama turan irratti fooyya’iinsi gatii taasiifamuu ibsaniiru.
Bu’aa qabeessummaa baankichaa itti fufsiisuu fi gumaacha biyyaaf taasiisu guddisuuf sirreeffama gatii taasiisuun barbaachisaa ta’ee argamuu obbo Abbeen himaniiru.
Baankichi hanga ammaatti tajaajila idileerraa galii % 27 argachaa turuu kan ibsan obbo Abbeen, tajaajiloonni % 73 ol bilisaa fi gatii gadi aanaan laatamaa turuu eeraniiru.
Haaluma kanaan dhalli liqii Boondii Korporeetii % 8 kan ture gara % 9’tti kan guddate yoo tau,Misooma manneeniif dhalli liqii % 9.5 kennamaa ture gara 10.5 ol guddachuu ibsameera.
Gama biroon sharafni alaa xaa’oo,humna ibsaa,dhiyyeessi qorichaa, Sukkaaraa fi Zaayitaaf barbaachisan % 4.5 gadi bu’aniiru.
Sirreeffamni gatii amma taasiifame haala hawaasarra dhiibbaa hin geessisneen birmadummaa baankichaa eeguuf taasiifamuu ragaan Baankii Daldala Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.