Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Noorwey waliin mari’ataniiru

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Noorwey Marata Luundamoo waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti marii taasiisaniiru.
Marii isaaniin Humna, galma Misooma itti fufaa, jijjiirrama qabeenya qilleensaa, Misooma Bosonaa fi walqixummaa Koorniyaarratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii Ministirichu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan marii sadee Hidha Haaromsaa mariisiisummaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Faayidaa hunda galeessa hidhichaa fi Baha Afrikaatti dhiyeessii humnaa kan guddisu ta’uu ibsa taasiisaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.