Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan talaallii Covid-19 Ityoophiyaaf laachuuf qophii ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu biyyi isaanii Ityoophiyaaf talaallii Covid -19 laachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Dhimmicharratti itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Dammaqaa Makonniin waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan deeggarsa diinagdee fi hawaasummaa Chaayinaan Ityoophiyaaf taasiiftu dinqisiifataniiru.
Waang Yuu gama isaaniin Ityoophiyaan Chaayinaaf biyya murteessituu ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil addunyaarratti deeggartuu Chaayinaa ta’uu ibsaniiru.
Tattaaffii Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasiiftu Chaayinaan deeggarsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu himaniiru.
Naannichatti nagaan akka bu’u fedhii Chaayinaan qabdu ibsuu,biyyi isaanii lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsa midhaan nyaataa kan dhiyeessitu ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.