Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Maarqos Takleen gargaaraa Ministira Dhimma Alaa Gibts waliin dhimma hidha haaromsaarratti mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC) – Gibtsitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Maarqos Takleen gargaaraa Ministira Dhimma Alaa Gibts ambaasaaddar Sheeriif Isaa waliin dhimma Hidha Haaromsaarratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Maarqos Takleen ejjennoo dhugaa Ityoophiyaan Hidha Haaromsaarratti qabdu ibsa taasiisaniiru.

Ityoophiyaan garaagartee Hidha Haaromsaarratti biyyoota yaa’ichaa waliin qabdu mariin furuuf qophii ta’uu ishee ibsaniiru.

Gargaaraan Ministira Dhimma Alaa Gibts ambaasaaddar Sheeriif Isaan gama isaaniin biyyi isaanii garaagartee jiru mariin furuuf qophummaa qabdu Ambaasaaddar Maarqosiif ibsaniiru.

Ambaasaaddaroonni lameen hariiroo biyyoota lamanii ilaalchise mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Dabalataan hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamanii haala caalmaatti cimsuun danda’amurratti marii taasiisaniiru jedhame.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.