Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa gareen ABUT bu’uuraalee misoomarraan geessiiseen biyyattiin galii tajaajilaarraa argachuu qabdu birrii biiliyoona 2.9 ol dhabuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC) – Miidhaa olaanaa gareen ABUT bu’uuraalee misoomarraan geessiiseen dhaabbileen tajaajilarraa galii argachuu malan birrii biiliyoona 2.9 ol dhabuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.

Haleellaa fi yakka biyya ganuu gareen ABUT raawwateen bu’uuraalee misoomaa Teeleekoomii, Humna Elektirikii, dhaabbilee boba’a dhiyeessan, Daandii Qilleensaa, Dhaabbilee Eerpoortootaa, Baankii Daldala Ityoophiyaa fi dhaabbata Maayikroo Faayinaansii Daddabiitirraa miidhaa cimaa qaqqabuu komishinichi beeksiseera.

Bu’uuraalee misoomaa Teeleekoomii naannichaatti argamurra miidhaa qaqqabeen dhaabbatichi birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 70 fi kuma dhibba 8 fi kuma 28 galii dhabuu qorannoon mirkanaa’uu ibsameera.

Miidhaa ga’uuf tureen tilmaaman birrii biiliyoona 39.8 fashaleessuun danda’umuu eerameera.

Bu’uuraalee misoomaa Humna Elektirikaarra ga’een dhaabbatichi birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 29 fi kuma dhibba 1 fi kuma 67 ol galii dhabuu ibsameera.

Dabalataan Kuusaa Boba’aa Maqaleetti argamu keessaa karaa seeraa alaan boba’aan liitirri miiliyoonni 14 fi kumni 49 fi 70 fudhatamuu isaan dhaabbanni dhiyeessa Boba’aa Ityoophiyaa birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 58 fi kuma dhibba 1 fi kuma 90 ol dhabuu qorannoon mirkanaa’eera jedhame.

Akkasumas haleellaa Rookkeettin Buufataalee Xiyyaaraa Bahaar Daarii fi Goondar irratti raawwatameen bu’uuraaleen misoomaa Daandii Qilleensaa fi Eerpoortootaa birrii miiliyoona 43 fi kuma dhibba 3 fi kuma 49 olitti tilmaamamu barbadaa’uu ibsameera.

Dhaabbileen kunneen balallii Kaaba biyyattiitti taasiifamurraa galiin argachuuf turan birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90 fi kuma dhibba 9 fi kuma 90 dhabuu himameera.

Gama biroon Ajeja Dooktar Abrahaam Takasteen birriin miiliyoonni dhibbi 8 Baankii Daldala Ityoophiyaarraa akka ba’u taasiifamuun fudhatadhatamu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiseera.

Waliigala haleellaa fi yakka biyya ganuu gareen ABUT raawwateen biyyattiin galii tajaajilaarraa argattu birrii biiliyoona 2.9 ol dhabuu himameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.