Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti hallii Bonaa cimaa dhufuusaatiin miidhaa fidaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)- Godina Booranaatti hallii Bonaa cimaa dhufuusaatiin miidhaa fidaa jira.
Rakkoon Bonaa kun duraan Aanaalee muraasa keessatti qofa mul’ata yeroo ammaa ammoo aanaalee, godinichaa hunda keessatti dhufaa jiraachuu ragaan Waajjira Sodaa Balaa Godinichaarraa arganne ni mul’isa.
Rakkoo kana kan hammeesse naannichaatti roobni Hagayyaa darbee xiqqachuusaatii jedhu horsiisee bultoonni.
Godinichatti rakkoon bishaan,dhugaatii namaafi horii, nyanni namaa fi horii rakkoo guddaa akka ta’ee himaniiru.
Rakkoo kana ittisuuf koreen hundaa’ee deeggarsii kennamaa jiraachuu,Itti gaafataman Waajjira Sodaa Balaa Godina Boorana,obbo Godaanaa Duubaa dubbataniiru.
Sadarkaa Aanaleetti bishaan iddoo rakkoo hamaan jirutti rabsamaa jira;nyaatnis wanti duraan jiruu dhaqqabaati jiraa garuu gahaa akka hin taane obbo Godanaan himaniiru.
Rakkoo kana furuuf sadarkaa Naannootti koreen dhimmaa kanarraattii waajjiralee Barnoota, Fayyaa fi Komishiinii misooma Horsiisee bulaarraa gurma’ee dhufuun naannicha daawwataniiru.
Yeroo ammaa midhaan nyaataa magaalaa Adaamaarraa Geejjibsiisuun kan eegalamee yoo ta’u, bootteen bishaaniis 20 ergamee jiraachuun eeruun rakkoo kanaaf mootummaan xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa jiraachuu, Bulchaan Godina Booranaa, obbo Guyyoo Galgaloo himaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.