Fana: At a Speed of Life!

Fooraamiin biizinasii Ityoo- Hindii gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)- Fooraamiin biizinasii Ityoo- Hindii filannoowwan invastimantii Ityoophiyaatti argamurratti xiyyeeffate Hindi Niiwu Dalhiitti gaggeeffameera.
Fooramichi Hinditti Imbaasii Ityoophiyaa dhaabbata oomisha qorichaa Hindi waliin kan qophaa’e yoo tahu, dhaabbileen Hindii farmaasiyuutikaalii, albuuda, qonnaa fi huccuu fi ijaarsa irratti bobba’an 30 ol hirmaataniiru.
Hinditti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tizzitaa Mulugeetaa fooramichi abbootiin qabeenyaa Hindii filannoo invastimantii Ityoophiyaatti argamuu akka hubataniif yaadamee kan qophaa’e tahuu ibsaniiru.
Wayita kana mootummaan Ityoophiyaa abbootii qabeenyaa bobba’uuf barbaadaniif tumsa barbaachisu akka taasisu eeraniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.