Fana: At a Speed of Life!

Lafa qonnaa Itiyoophiyaan qabdu 43% rakkoo dhangaggaa’ummaa biyyeef kan saaxilame ta’uu qorannoon Ministeera Qonnaa ni mul’isa

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)- Lafa qonnaa Itiyoophiyaan qabdu 43% rakkoo dhangaggaa’ummaa biyyeef kan saaxilame ta’uu qorannoon Ministeera Qonnaa ni mul’isa.
Rakkoo asiida’ummaa (dhangagga’ummaa) biyyee guddina misooma qonnaa gufuu ta’e furuun akkaataa danda’amurratti Ministeerri Qonnaa qaamolee qooda fudhattootaa waliin mar’achaa jira.
Lafti qonnaa sababoota gara garaatiin dhangaggaa’aa ta’a, lafti lolaafi dhiqamaaf saaxilamuu, raaree ta’ee bishaan kuusuu, yeroo hedduu irra deddeebiin qotuuf kanneen birooti.
Deettaa Ministira Damee Wabii Nyaataa fi Qabeenyaa Uumamaa Ministeera Qonnaa obbo Saanii Radii, asiidummaan biyyee guddina oomishaarratti dhiibbaa guddaa kan uumu ta’ee, lafti qonnaa Itiyoophiyaan qabdu 43% rakkoo kanaaf saaxilameera; 28% ammoo tasumaa oomisha kennuu kan hin dandeenye tahuus himaniru.
Oromiyaanis naannoolee qonna biyyattii keessatti bakka ol’aanaa qabattu ta’uusheetiin lafa qabdu keessaa harki 36.6 rakkoo asiidummaa biyyeef saaxilameera.
Naannoo Kibbaa 26.3 %, naannoo Amaaraa 32.2% naannoo Sidaamaa heektarri 90 asiidummaa biyyeef saaxilameera.
Lafa miidhame kana kunuunsanii deebisanii oomishaaf oolchuuf biyya alaatti kan galanii fi 96% kan tahu qamadii biyya keessatti oomishuu akka danda’amu ibsameera.
Akkasumaas, lafa miidhame kana kunuunsanii deebisanii oomishaaf oolchuuf tooftaa wal’aansaa keessaa nooraa itti naquun isa duraati; kanaaf dhiyeessii nooraafi raabsa isaarratti mariin kan qophaa’e.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.