Fana: At a Speed of Life!

Atileet Gudaaf Tsaggaay riikaardii addunyaa meetira 1500 qabamee ture cabsite

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC) –Atileet Gudaaf Tsaggaay Faransaay Leeviinitti kan gaggeeffame, waldorgoommi fiigichaa mana keessaa meetira 1500 riikaardii addunyaa qabamee ture cabsite.
Atileet Gudaaf bara Faranjootaa 2014 atileet Ganzabee Dibaabaan galmaa’ee kan ture sekaandii 2 fooyyeessuun fageenya 3:53.09 xumuruu dandeesseetti.
Atileet Lamlam Hayluu waldorgommii shaampiyoonaa mana keessaa Faransaay meetira 3000 fageenya 8:32.55n xumuruun yoo injifattu, atileet Habtaam Alamuu ammoo meetra 800 fageenya 2:00.86n xumuruun 2ffaan xumurteetti.
Waldorgommii mana keessaa kanaan, atileettonni Ityoophiyaa 1-4ffaa bahuu danda’aniiru.
Bu’uuruma kanaan, atileet Geetinnat Waalaa 1ffaa, Solomon Baaraggaa 2ffaa, Lammeechaa Girmaa 3ffaa, Barihuu Aragaawwii 4ffaa, Taaddasaa Warquu 6ffaa bahuun xumureera.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.