Fana: At a Speed of Life!

Bara kana Buna lafa heektaara kuma 60 irra jiru gamashuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umer Huseen dhaabbilee waamamtootaa ministeerichaa fi hoggantoota godina Jimmaa waliin ta’uun hojii Buna Gamashuu godina Jimmaa daawwataniiru.

Ministeerri Qonnaa oomishtummaa Bunaa dabaluuf buna dulloome gamashuun haaraa bakka buusuuf hojii biqiltuu bunaa babal’isuu xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Hojiin misooma bunaa qonnaan bultoota godina Jimmaa fi dhaabbilee garaagaraan hojjetamaa gara naannolee birootti akka babal’atuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Ministeerichi beeksiseera.

Buna akka biyyaatti jiru keessaa %67 kan dulloomee fi oomishtummaan isaa har’achaa dhufuu isaan waggoottan lamaan darbanitti bunni lafa heektaara kuma dhibba 2 irra ture gamashamuu Daayreektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaay Dooktar Addunyaa Dabalaan ibsaniiru.

Bara kanas buna lafa heektaara kuma 60 irra gamashuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.