Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 572 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 572 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 2 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,981f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 572 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 248 dandamataniiru.

Namoonni 15,402 yaalarratti argamu.

Namoonni 238 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 2 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,158 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 143,566 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.