Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Zawdee daawwannaa hojiif Buruundii galan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen daawwanna hojiif har’a Buruundii galaniiru.
Preezdaanttittiin buufata xiyyaaraa Bujumbuuraa wayita ga’aan preezdaantiin Buruundii Eviraast Indeeyshimaayeen simannaa taasisaniifiru.
Preezdaant Saahilawarq Zawdeen Ityoophiyaa fi Buruundiin hariiroo bara dheeraa qabachuusaanii ibsaniiru.
Akka gabaasa EBCtti biyyoonni lamaan hariiroo isaanii cimsuuf caalmaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Preezdaanti Saahilawarq Zawdeen Magaalaa Bujumburaatti kan argamu Siidaa yaadannoo wareegamtootaa gootota Demookraasiii fi Bilisummaa Buruundii abaaboo kaa’aniru.

Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.