Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetii fi Miidirook Invastimanti Giruup waliigaltee hojii mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetii fi Miidirook Invastimanti Giruup waliigaltee hojii mallatteessaniiru.
Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet obbo Adimaasuu Daamxoo fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Miidirook Invastimanti Giruup obbo Jamaal Ahimad mallatteessaniiru.
Sirna mallattoo irraatti haasaa kan taasisaan Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet obbo Adimaasuu Daamxoo Faanaan miidiyaa ummataa akkuma tahe, sochiiwwan idilee gabaasurra darbee, dhaabbilee hojiiwwan biyyaa fi ummataaf dhaabbatu hojjetu waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet raadiyoon naannawaa biyyatti hunda buufata FM 11, Afaan biyyaa keessaa 7 fi biyya alaa 1n sagantaalee barsiisoo fi bashanaansiisoo qulqullina qabuun Teleevizhinii qabatee dhufuun ummata biratti fudhatama argateera jedhan.
Miidirook Invastimanti Giruup waliin hojjechuuf guddina biyyaaf gaarii tahuu ibsaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Miidirook Invastimanti Giruup obbo Jamaal Ahimad Miidirook Invastimanti Giruup dhaabbilee 35 damee qonnaa fi agiroo indaastirii, albuudaa, daldalaa fi biizinasii akkasumaas manufakchariingii indaastirii kan socho’u hojiiwwan jijjiirama bara darbe taasiseen dhaabbilee lama waliin waloon hojjechuuf murteessu himaniiru.
Kanaanis Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet filachuu himaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.