Fana: At a Speed of Life!

Ibsa haala yeroorratti Mootummaa naannoo Oromiyaarra laatame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)- Ibsa haala yeroorratti Mootummaa naannoo Oromiyaarra laatame

Guutuun ibsichaa akka armaa gaditti dhiyaateera

Naannoo Oromiyaa keessatti hojiin misooma dinagdeefi hawaasummaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa hordoffii cimaadhaan raawwatamaa jira. Gaaffiifi fedhii misoomaa ummata keenyaa kan yeroo dheeraa deebisuudhaaf guddaa karoorfannee, xiqqaarraa eegallee, karaa walitti hidhamiinsa qabuun raawwachaa jirra. Raawwii yeroo gabaabaa kanaan gaaffii yeroo dheeraaf ture bakki itti deebisne hedduudha.

Hojii misooma baadiyyaafi qonnaa ummata baadiyyaafi magaalaa hirmaachisaa jiruun gaaffii wabii midhaan nyaataa deebisuun cinaatti, oomishaalee sharafa alaa itti dhangalaasaa turre bakka buusuu eegalleerra. Hojii tarkaanfiiwwan addaa seektera qonnaa bara darbeetiin garbuu biiraa alaa galchaa turre oomisha biyya keessaatiin bakka buusuu dandeenyeerra. Bara kanammoo qonna gannaatiin kilaasteraan oomishnee, oomishaafi oomishtummaa Qamadii sadarkaa amansiisaadhaan daballeera. Qonna bonaatiin ammoo jallisiifi teeknoloojii bishaaniitti fayyadamnee oomisha Qamadii alaa galchinu bakka buusuuf tarkaanfiin fudhanne daandii milkaa’inaa qabateera.

Hojii misooma dinagdee ammayyeessuufi walitti hidhamiinsa gabaa siyeessuuf ijaarsa bu’uuraalee misoomaatiif xiyyeeffannoon addaa kennameera. Ijaarsi daandii, bishaan, humna ibsaa, bu’uuraalee telekoomunikeeshinii, giddu-galeessota gabaafi kanneen biroo akka naannoofi biyyaatti bal’inaan hojjetamaa jira.

Kanuma faana, ijaarsa bu’uuraalee misooma hawaasummaatiif xiyyeeffannoo kennameen ijaarsi pirojeektota manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaafi giddu-galeessota tajaajila hawaasaa bal’inaafi qulqullinaan raawwatamaa jira. Akkuma fakkeenyaatti mootummaan naannoo Oromiyaa pirojeektota manneen barnootaa bultii addaa, manneen barnootaa addaafi sadarkaa lammaffaa 147 baatii torba keessatti ijaaree xumuruuf karoorfatee sadarkaa raawwii gaariirra akka jiru kaasuun qofti ga’aadha.

Ummanni naannoo keenyaa tibbana hirmaannaa hojiiwwan misoomaa keessatti gochaa jiruun cinaatti, itti quufiinsaafi bu’aa hanga ammaatti argateef hiiriira deeggarsaatiin beekamtii kennaa jira. Haata’u malee, humnoonni kaleessas ta’e har’a ummanni keenya maraanmartoo hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa akka hin baaneef hojjetan, bakkeewwan muraasatti daa’imman kichuutti fayyadamanii ceequmsa kaasuuf yaalaniiru.

Mootummaan nageenya ummataafi dhaabbilee barnootaa eeguuf itti gaafatamummaa qabu ciminaan kan bahatu ta’uu ibsaa, qaamoleen daa’imman kakaasuun hojii barnootaa gufachiisuuf hojjettan akka of qusattan dhaama. Maatiiwwan barataa, hawaasni dhaabbilee barnootaafi ummanni bal’aan qindooftanii karoora humnoota diigumsaa kana akka maseensitaniifis dabalee waamicha dabarsa.

Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa

Guraandhala 2013

Finfinnee

 

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.