Fana: At a Speed of Life!

Hanqinni dhiyeessii humna elektiriikii misooma indaastirii paarkiiwwanii furamaa jira

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Koorporeeshiniin Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii rakkoolee kaffaltii humna elektiriikin walqabatee jiru furaa jiraachuu beeksise.

Paarkiiwwan indaastirii hojii eegalan keessaa Paarkii Indaastirii Hawaasaan ala hundi hanqina dhiyeessa humna elektirikii qabaachuun dubbatameera.

Koorporeeshiniin Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii humna elektiriikii dabalatee bu’uuraalee misoomaa biroo guutuuf dirqama qaba.

Koorporeeshinichi kaffaltii tajaajila elektiriikaa yeroon kaffaluu dhabuun dhiyeessiin humna elektirikaa Paarkiiwwan Indaastiriif rakkoo guddaa ta’aa jira.

Hoji raawwachiiftuu olaantuun Koorporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkiiwanii Lalisee Namiin akka jedhanitti dhiyeessiin humnaa misooma Indaastirii Paarkiiwwaniif hanqina ijooo ta’uu ibsuun, yeroo ammaa rakkichi furmaata argataa jira jedhaniiru.

Hanqina dhiyeessii kanaaf furmaata hataattamaa laachuuf mootummaa Chaayinaa waliin waliigalteen mallattaa’uu ibsaniiru.

Dabalataan Paarkiiwwan Indaastirii mataa isaaniin humna dhiyeeffachuu akka danda’aniif kallattiin kaa’ameen paarkiiwwan filataman tokko tokko qorannoo gaggeessaa jiraachuu aadde Laliseen ibsaniiru.

Haaluma kanaan qorannoon humna aduu, qilleensaa fi hurkaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, dameen dhuunfaa humna aduu irratti hojjechuuf fedhii olaanaa kan qaban ta’uu hubatamee jira jedhan.

Bu’uruma qorannootiin hojicha gochaatti hiikuuf imaammata fooyyeessuu fi qorannoon bu’aa qabeessummaa hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Qorannoon gaggeeffamaa jirus yeroo dhiyootti xumuramuun gara hojiitti akka galamu ni eeggama.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.