Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 2.5f deeggarsi dhiyaata jira

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)-Naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 2.5f deeggarsii taasifamaa jiraachuu komiishinarri Komiishinii Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan himaniiru.
Duula olaantuummaa seeraa kabachiisutin dura lammiileen miiliyoonni 1.8 deeggarsa kan barbaadan ta’uu ibsaniiru.
Erga duulichi xumuramee booda ammoo lammiileen kumni dhibbi 7 fi kumni 80 dabalataan deeggarsa kan barbaadan ta’uu komiishinarichi himaniiru.
Kanaafis hanga guyyaa kaleessaatti lammiileen miiliyoonni 2 fi kuma dhibba 7f deeggarsi dhiyaachu ibsaniiru.
Qamadii kuntaalli kumni 200 fi Qamadii Seeftineetii misoomaa mootumaa kuntaalli kumni dhibbi 6 fi kumni 90 buufata Jibuutii qaqqabuun hawaasaaf ni raabasamaa jedhaniiru.
Deeggarsicha rabsuufis rakkoon geejjibaa fi haqan raabsuu jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo amma kanas rakkicha furuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Bisraat Mallaseetu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.