Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom buufataalee Riijiinii Kaabaa jiran 365 tajaajila sagalee moobaayilaa fi bilbila idilee eegalchiisuu beeksiise

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Ityoo Teeleekoom buufataalee Riijiinii Kaabaa jiran 365 tajaajila sagalee moobaayilaa fi bilbila idilee eegalchiisuu beeksiiseera.

Dhaabbatichi suphaa fi tajaajila bu’uuraalee misoomaa teeleekoomii Riijiinii Kaabaa ilaalchisee Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaan ibsa laateera.

Ityoo Teeleekoom Riijiin Kaabaa Onkololeessa 24, 2013 halkan sa’aatii 6:00 irraa eegalee tajaajjilli Teeleekoomii adda cituu yaadachiiseera.

Bu’uuraalee misoomaa miidhaman suphuu fi meeshaalee teeleekoomii badan dhaabuun tajaajjilli haala duraatti akka deebi’uuf hirmaanaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu himeera.

Hanga ammaatti buufataalee Riijinichaa jiran 365f suphaa fi dhiyeessiin humna hojjetamuun tajaajjilli sagaalee moobaayilaa fi bilbila idilee jalqabamuu ibseera.

Dabalataan baankiiwwan Riijinichatti argaman tajaajila laachuu akka danda’aniif dursi kennameefi hojjetamaa jiraachuu himeera.

Maqeelee fi Addigraat dabalataan baankiiwwan magaaloota Shiree Indasillaasee, Aksumii fi Adwaatti argaman tajaajila Brood Baandii akka argatan taasiifamuu ibseera.

Haaluma walfakkaatuun maamiltoonni tajaajila Brood Baandii argachuu akka danda’aniif hojiin suphaa gaggeeffamaa jiraachuu dhaabbatichi ifoomseera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.