Fana: At a Speed of Life!

Dooktarri Kabajaa Aartiist Alii Birraan Lishaanii Addaa badhaafame

Finfinnee, Amajjii 30, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimmallisa Abdiisaa fi Etaamaajooriin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaan Dooktara Kabajaa Aartiist Alii Birraa Lishaanii Addaa badhaasan.

Dooktarri Kabajaa Aartiist Alii Birraan waggoottan 60 darbanitti gumaacha damee Aartiif gumaachaaniin badhaasni Lishaanii Addaa kun laatamuufi Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimmallisa Abdiisaan himaniiru.

Hojiin aartiistichaa dhalootaa dhalootaatti darbuun yaadatamaa jiraata jedhan obbo Shimallis.

Artiist Alii Birraan sirboota Afaan Oromootiin alattti afaanoota Somaalee, Affaar, Hararii fi Amaariffaan akkasumas afaan Sudaaniin sirbuun saboonni caalaatti akka wal baran shooraa olaanaa bahataniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.