Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad warshaa zayita nyaataa Fibeelaa eebbisan

Finfinnee, Amajjii 30, 2013 (FBC) –Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad warshaa zayita nyaataa Fibeelaa eebbisan.
Warshaan zayitaa kunis lafa heektaara 30 irratti baasii birrii biiliyoona 4.5 ijaaramuu himame.
Warshaan zayitaa kun guyyaatti zaayitii toonii kuma 1fi toonii 500 ni oomishaa jedhameera.
Oomishaa zaayitii biyyaatiis 60% akka qabaatuu himameera.
Akka Dhaabbanni Pireesi Ityoophiyaa gabaaseetti, warshiichi oomisha zaayitii irra darbees saamunaa gogaa fi dhangala’aa oomishuun akkasumas margariinis ni oomishaa jedhameera.
Eebba warshaa kanarratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministiirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin, Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Aaganyaw Tashaagarii fi aanga’oonni hojii mootumma olaannoo argamaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.