Fana: At a Speed of Life!

Kolleejjii poolisii Oromiyaa wiirtuu leenjii damee Bulbulaa milishoota 807 eebisiise

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti Koolleejjii poolisii Oromiyaa wiirtuu leenjii damee Bulbulaa marsaa 2ffaan milishoota 807 eebisiiseera.
Sirna eebbichaarratti kan ragaman bulchaan godina Arsii Lixaa obbo Abarraa Bunoo, milishoonni fi siinqee gaardiin guyyaa har’aa eebbifaman baadiyaa fi magaalatti nageenya hawaasaa eeguudhaan ummanni yaaddoo nageenyaa tokko malee hojii misoomaa irratti akka bobba’an taasisuu keessatti shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.
Leenjii marsaa 2ffaa kanaan milishoota eebbifaman 807 keessaa 464 siinqee gaardii yoo ta’an, marsaa jalqabaatiin immoo milishoonni 602 eebbifamuu ragaan waajjira Kominikeeshinii Arsii Lixaarra argamee ni muul’dhisa
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.