Naannoleen humna galii isaanii adda baasuun sirna taaksii walitti qabuu isaanii guddisuu qabu – Adam Faaraahi
Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC) – Naannoleen humna galii isaanii adda baasuun sirna taaksii walitti qabuu isaanii guddisuu fi cimsuu akka qaban Af yaa’iin Mana Maree Federeshinii Adam Faaraahi hubachiisan
Manni Maree Federeeshinii qophii raabsa bu’uuraalee misoomaa dhaabbilee federaalaa,raawwii bulchiinsa galii waloo fi herreega qoodiinsa galiirratti preezdaantoota naannolee,hoggantoota hojii federaalaa fi naannoorratti marii taasiiseera.
Maricharratti hoggantoonni Abbaa Taayitaa Daandiwwan Ityoophiyaa, Ityoo Teeleekoomii, Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaa, Humna Elektirii Ityoophiyaa, Ministeera Saayinsii fi dhaabbilee barnootaa olaanoo, Komishinii Misooma Jallisii, Dhaabbata Eerpoortoota Ityoophiyaa fi Korporeeshinii Misooma Indaastirii hirmaataniiru.
Karoora raawwii Herreega Qoodiinsa qabeenyaa dhaabbileen kunneen naannoleef itti qoodan irratti mari’ataniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!