Fana: At a Speed of Life!

Atleetonni Ityoophiyaa dorgommii taasisaniin qabxii boonsaa galmeessan

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Torbee dabarsine Sanbataa fi Dilbata atleetonni Ityoophiyaa dhiiraa fi dubartootan waldorgommii addunyaa garagaraa 10 taasisaniiru.

Atleetonni kunneen dorgommii taasisaniin qabxii boonsaa galmeessaniiru.

Bu’uuruma kanaan:

Dorgommii maaraatoonii Heengiqiin Chaayinaatti gaggeeffameen dhiirotaan Atleet Guddisaa Baqqalaa Guutamaa fageenyaa sa’aatii 2:20:15 sadarkaa 2ffaan yoo xumuru, atleetiin Chaayinaa Choongiqiing Roongchaang dorgommicha injifateera.

Dorgommii maraatoonii Heeyu’aan Waanlivhuun Chaayinaatti gaggeeffameen ammoo dhiirootaan Atleet Zelalaam Dessaaleny fageenya sa’aatii 2:24:06 sadarkaa 2ffaa xumureera.

Haaluma walfakkaatun dorgommii maraatoonii Yaangi’aang Haayliing Islaand Chaayinaatti gaggeeffameen dhiirotaan Atleet Maangashaa Amaaree Kidaanee fageenya sa’aatii 2:30:56 dorgommicha 1ffaan xumureera.

Dorgommii walakkaa maratoonii Ajimaan Emireetota Araba Gamtoomaniitti gaggeeffameen dhiirotaan Atleet Gosaa Boggaalee fageenyaa sa’aatii 1:03:29 sadarkaa 3ffaan yoo xumuru, Atleet Nigusuu Girmaa fageenya sa’aatii 1:07:37 sadarkaan 5ffaan xumureera.

Dubartootan Atleet Wudnash Asmaaran fageenyicha sa’aatii 1:13:04 sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu, Atleet Reefref Mahaammaad dorgommicha fageenya sa’aatii 1:27:51 sadarkaa 2ffaa akkasumas Atleet Zinaash Baqqalaan ammoo sadarkaa 3ffaan xumurteetti.

Dorgommii walakkaa maratoonii Yaangi’aang Haayliing Islaand Chaayinaatti gaggeeffameen dubartootaan Atleet Ayeehu Tasfaahuun Araaraaw dorgommicha fageenya sa’aati 1:16:10 sadarkaa 1ffaan xumurteetti.

Dorgommii walakkaa maratoonii Heeyu’aan Waanlivhuun Chaayinaatti gaaggeeffammeen ammoo dubartootaan Atleet Wuddee Makuriyaa dorgommicha fageenya sa’aatii 1:17:10 sadarkaa 1ffaan xumurteetti.

Dorgoommii fageenya kiiloo meetra 10 Korriddaa De Ho’uylees Faransaayiitt gaggeeffameen dhiirootaan Atleet Haftuu Takluu fageenyaa daqiiqaa 27:41 sadarkaa 2ffaa yyo xumuru, dubartootaan

Atleet Nigistii Haaftuu Tesfaay fageenya daqiiqaa 30:50 sadarkaa 2ffaan xumurteetti. Atleet Geetee Alamaayyoo sadarkaa 3ffaan yoo xumurtu Atleet Tirsiit Dessaaleny ammaa sadarkaa 6ffaan xumurteetti.

Dorgoommii maratoonni Gu’aangizhoo’u Hu’aangipu chaayinaatti gaaggeffameen dhiirotaan Atleet Haylemikaa’el Makonniin fageenya sa’aatii 2:11:59 sadarkaa 2ffaa yoo xumuru dubartootaan Atleet Masarat hayluu Dabalaa fageenya sa’aatii 2:29:26 sadarkaa 1ffaa yoo xumurtu Atleet Ayinaalem kasaahuun tafarii fi alteet Almaaz Galaanaa walduraa dubaan sadrkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

Dorgommii maratoonii Shaanto’u Chaayinaa dubartootaan Atleet Kaasuu Bitaw fageenya sa’aatii 2:29:34 sadarkaa 1ffaan xumurteetti.

Dorgoommi maratoonii Haa’inaan Daanzho’u Chaayinaatti gaaggeeffameen ammoo dhiirootaan Atleet Tseggaa Firew fageenya sa’aatii 2:20:18  sadarkaa 2ffaa yoo xumuru, dubatootaan Atleet Maskaram Tasfaayee fageenya sa’aatii 2:51:03 sadarkaa 1ffaan xumurteetti.

Dorgommii maratoonii Mu’aang Tha’I Chi’aang Ma’i Taaylaandiitti gaggeeffameen dhiirootaan Atleet Kinduu Xiruneeh fageenya sa’aati 2:29:03 injifateera.

Dorgoommi walakkaa maratoonii Ha’inaan Daanzho’u Chaayinatti gaggeeffamen dubartootaan Atleet Haymaanoot Wubineeh fageenya sa’aatii 1:17:26 sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu atleet Aayyehu Tasfaahuun sadarkaa 2ffaan xumurteetti.

Dorgommii walakkaa maratoonii Yuunta’ishaan Chaayinaatti gaggeeffameen dhiirootaan Atleet Daanyoo Nagaasaa Badhaadhaa fageenya sa’aatii 1:06:43 sadarkaa 1ffaa yoo injifatu dubartootaan Lattuu Biqilaa Tafarii fageenya sa’aatii 1:18:25 1ffaan xumurteetti.

Dorgoommii figicha fageenya kiiloo meetra 10 Daakhaal Morookootti gaggeeffameen dhiirootaan Atleet Yaasin Hajii daqiiqaa 27:48 1ffaan yoo xumuru dubartootaan Atleet Alemtsehaay Asaffaa daqiiqaa 31:55 1ffaan yoo xumurtu Atleet Amineet Ahimad daqiiqaa 31:56, Atleet Buzuneesh Geetaachaw daqiiqaa 31:58 walduraa duubaan 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.