Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen dhuunfaa buusii sooramaa hin buufne eeyyamni isaanii akka hin haaromsamne hojmaanni dhorku diriirfame

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC) – Dhaabbileen dhuunfaa buusii sooramaa hin buufne eeyyamni isaanii akka hin haaromsamne hojmaanni dhorku diriirfamuu Ejansiin Waldaalee Hawaasummaa dhaabbilee dhuunfaa beeksiseera.

Ejansichi walakkaa waggaatti kaffaltii buusii soorama hojjettoota dhaabbilee dhuunfaarraa birrii biiliyoona 5.6 argachuu ibseera.

Dhaabbileen dhuunfaa tokko tokko buusii soorrama hojjettootaa seeraan kaffalanis, gariin ammoo yeroo eeguun kan hin kaffalle yoo ta’an dhaabbileen muraasni ammoo goonkuma kan hin kaffalle ta’uu Ejansichi beeksiseera.

Rakkoo kaffaltii sooramaa walqabatee Dhaabbilee dhuunfaa biratti muul’atu furuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa turuu Daayreektarri olaanaan Ejansichaa obbo Gammachuu Wayyumaan himaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.