Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti nageenyaa fi Tasgabbii buusuuf hojii hojjetameen bu’aa gaariin galmaa’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC) – Godina Matakkalitti nageenyaa fi Tasgabbii buusuuf hojii hojjetameen bu’aa gaariin galmaa’aa jiraachuu Humni qindaa’aan godinichaa beeksise.

Humnichi hojii shiftoota hafan qulqulleessuu fi buqqaatota deebisee dhaabuuf karoora baafatee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Waltajjiin marii hoggansaa fi miseensa aanaa hanga godinaa hirmaachise Magaalaa Balasitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Godichaatti gandoota 32 shiftoonni keessa socho’anii ala gandoota 151 keessatti caasaan haaraan hundaa’uu himameera.

Sadarkaa Ministiraatti Qindeessan Giddugala ijaarsa Sirna Diimookiraasii obbo Tasfaayee Beeljigee marii hawaasa godinichaa waliin taasifameen shiftoonni kun saba kamiiyyuu bakka kan hin buune ta’uu walii galameera jedhan.

Preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumuuz obbon Ashaadilii Hasan rakkoo godina Matakkal walitti bu’iinsi ummataa fi ummataa osoo hin taane shira qaamoleen siyaasaa bu’aa siyaasaa argachuuf uumuunidha jedhan.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.