Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa Faawundweeshinii Dibooraa waliin hojjechuuf sanada walii galtee mallateesse

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC)- Faawundweeshinin Dibooraa fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa daa’imman daanga’uu sammuu qaban deeggeruuf guyyaa har’aa sanada walii galtee waliif mallatteesseera.
Faawundweeshinin Diboora erga hundaa’ee waggaa tokkoof ji’a 6 yoo ta’u daa’immaan daanga’uu sammuu qabaniif deeggarsa taasisuf kan xiyyeeffateedha.
Daa’immaan sababa nam-tolcheenis ta’e uumaman sammuun isaanii daanga’ee mana keessatti daangeffamanii jiraatu. Fayyaa guutuu waan hin qabneefis carraa barnootaa ga’aa hin argatan.
Kanaaf Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraaniifi Hundeessaan Faawundeeshini Dibooraa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa daa’imman akkataa gargaarsa argachuu danda’aniif barachuu qaban irratti faawundeeshinicha hundeessaniiru.
Yeroo ammaa kanas mana barumsaa sadarkaa isaa eeggate Magaalaa Laga Xaafootti ijaarsisa jiru.
Manni barumsichaa baatiwwan 8 keessaatti xumuramuun hojii ni jalqaba jedhameera.
Waliigalticha har’aa sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessan kilaastera hawaasummaa Oromiyaa obbo Addisuu Araggaanii fi hundeessaa Faawundeeshini Dibooraa obbo Abbaa Dulaa Gammadaan mallateessaniiru.
Walii galtichis barsiisotaa fi ogeessota fayyaa leensiisuu fi deeggarsa barbaachisu taasisun daa’imman Oromiyaa keessatti argaman deeggarun akkaataa danda’amurratti waliif mallatteesaniiru.
Hogganaan Biiroo Fayyaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa fi Itti Aanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Asaffaa Walii galtee kana akka deeggaran ibsanii jiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.