Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan filannoo biyyaalessaa fi adeemsaa jijjiirrama Ityoophiyaa ni deeggarti – Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC)-Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkaan Ameerikaan filannoo biyyaalessaa fi adeemsaa jijjiirrama Ityoophiyaa ni deeggarti jedhaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkaan hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaarratti bilbilaan mari’ataniiru.
Ministirichi marii isaaniitin rakkoo naannoo Tigraayitti jiruuf soda qaban ibsuun, yeroo itti aanuuttis lubbuun akka hin banneef deeggarsi namoomaa amansiisaa fi walirraa hin cinnee taasifamuu akka qabu kaasaniiru.
Biyyii isaaniis aademsa jijjiirramaa Ityoophiyaa fi filannoo gaggeeffamuu ni deeggarti jedhaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad Ameerikaan jijjiirrama hunda galeessaa Ityoophiyaatti gaggeeffama jiru deeggaruuf kakka’umsa qabduuf galateeffataniiru.
Dooktar Abiy Ityoophiyaa deemokiraasiin itti babaldhatee, badhaatee fi nageenyaa qabduu ijaaruuf tattaaffi taasifamuuf cimsuuf hariiroon Ityoophiyaa fi Ameerikaa sadarkaa fooyya’aarraan akka ga’uu fuula Twiitara isaanitiin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.