Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa sagantaa badhaasa jijjiirraa sharafa alaa marsaa 5ffaan maamiltoota isaa badhaase

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa sagantaa badhaasa jijjiirraa sharafa alaa marsaa 5ffaan maamiltoota carraan ba’eef badhaaseera.
Carraa 1ffaadhaan konkolaataa fe’umsaa Izuuzuu NPR 1,Carraa 2ffaa fi 3ffaadhaan ammoo Konkolaataa abbaa miilla sadii,Akkasumas Tv abbaa inchii 32 10 badhaafamtootaaf laatee jira.
 
Carraa 1ffaadhaan Konkolaataa kan badhaafaman Adde Xayibaa Kadir Aanaa Dugdaa irraa yoo ta’an Carraa argatanitti hedduu akka gammadan himaniiru.
 
Namoonni Baankichatti qusachuun akka badhaafaman dhaamaniiru.
 
Badhaafamaan Konkolaataa abbaa miilla sadii Dargaggoo Isheetuu Katamaa Sobbooqaa magaalaa laga xaafoo laga daadhii irraa badhaafameera.
 
Dargaggoon ku kanaan dura hojii ijaarsaa irratti hirmaachuun jiruu isaa fooyyeffachuuf tattaaffachaa turuu himuun,Badhaasni argate egeree isaaf carraa gaarii akka qabu dubbateera.
 
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa yeroo ammaa Qabeenya walii galaa birrii biiliyoona 65 ol kan qabu yoo ta’u,damee 433 ol qaba.
 
Maammiltoota miiliyoona 7 ol qabaachuudhaan Baankota dhuunfaa biyyattii dursaa jira.
 
Bara kanas Maallaqa biyyoota Alaa miiliyoona 142 walitti qabuu akka danda’eedha Preezdaantiin Baankii Hojii gamtaa Oromiyaa Obbo Darrribee Asfawu kan himan.
 
Badhaasa marsaa 5ffaa kanaanis badhaasa gosa garaagaraa 14 qopheessuun Abbootiin carraaf guyyaa har’aa dabarsuu dubbataniiru.
 
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase
 
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
 
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
 
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.