Fana: At a Speed of Life!

Weerarri Sudaan Ityoophiyaarratti raawwatte dogongora seenaati – Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimroo

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Weerarri Sudaan Ityoophiyaarratti raawwatte hariiroo biyyoonni lamaan bara dheeraaf qabaniin wayita madaallamu dogongora seenaati jedhan Sudaaniiti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimroo.
Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimroon haala waqtaawaa daangaa Ityoo – Sudaan ilaalchisee EBCf addatti ibsa laataniiru.
Yaaliin weerara kun waliigaltee biyyoota lamaan gidduutti bara Faranjootaa 1972 raawwatame ifatti cabsuun miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.
Weerara raawwatameen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa cimaan qaqqabuu himaniiru.
Weerara raawwatameen hanga ammaatti tilmaamaan qabeenyi birrii biiliyoona 1 ol ta’u barbadaa’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan ammas rakkicha karaa nagaa fi mariin furuuf qophii ta’uu eeruun, kun ta’uu baannaan mirga ishee kabachiisuuf hojii ofirraa ittisuu ni fayyadamti jedhan.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.