Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirama wareegamaan dhufe tiksuuf uummanni gatii barbaachisaa ta’e kaffaluuf qophii ta’uu ifatti agarsiise – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Jijjiirama wareegamaan dhufe tiksuuf uummanni gatii barbaachisaa ta’e kaffaluuf qophii ta’uu ifatti agarsiiseeraa jedhan Itti Gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Jijjiiramaa qeerroo fi qarreen hoggansa jijjiiraama waliin aarsaa wareegama lubbuu kafaluun fidan tikfachuu qabna jedhan obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Obbo Fiqaaduun midiyaaleef ibsa kennaniin, ummatni Oromoo sabaafi sablamoota waliin garee juntaa gidiraa fi sarbamaa geessisaa ture dhabamsiisuuf balaaleeffannaa hanga deegarsatti gumaachaa taasisaniif galata qabdu jedhan.
Jijjiirama amma dhufeef qeerroo fi qarreen wareegama lubbuu itti kafalaniiru kan jedhan obbo Fiqaaduun,tumsi tibbana taasifameef jijjiiramicha kan jajjabeessuudha jedhan.
Raayyaa ittisa biyyaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisaa jiruuf ummanni Oromoo, sabaa fi sablamoonni naannicha keessa jiraataan deegarsa maallaqaa sangoota fi midhaan taasisaaniif paartin badhaadhina Oromiyaa galata guddaa qabaafi jedhaniiru.
Guyyoottan laman darbanis ummanni fedhii isaatiin jijjiirama waggoottan sadan darbani as muul’ateef hiriira ba’uun deeggarsa agarsiisaniifis galateeffataniiru obbo Fiqaaduun.
Fuldurattis ummanni akkuma jijjiiramicha fiduuf tokkummaan aarsaa kafale itti fufiinsa isaatif ga’eesaa ba’achuu akka qabu dhaamaniiru.
Duudha waliin jireenyaa jabeeffachuun ololawwaan faallaa ta’an dura dhaabbachuun aadaa fi safuu qabnuun ilaalchawwan doggogoraa akka sirratanii fi dhugaa jiru karaa haqaan hubachiisuu qabnas jedhan itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhina Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa.
Jijjiirama wareegamaan dhufe tiksuuf uummanni gatii barbaachisaa ta’e kaffaluuf qophii ta’uu ifatti agarsiiseera jedhan obbo Fiqaaduun.
Hiriira deeggarsaa tibanaa irratti ummanni miiliyoona 25 ol fedhii isaatiin hirmaachuu ibsaniiru.
Hiriiricharratti maqaan keenyaa kara hin malleen ka’eeran komii ka’eef miira ummataaf paartiin Badhaadhina Oromiyaa komatamu hin qabu jedhan obboo Fiqaaduun.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.