Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa naannoo Tigraay ministiroota dhimma alaa Afrikaaf ibsa taasiisan

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin haala waqtaawaa naannoo Tigraay ministiroota Dhimma Alaa Afrikaaf ibsa taasiisaniiru.

Obbo Dammaqaan walga’ii hojii raawwachiisaa olaanaa Gamtaa Afrikaa 38ffaa interneetiin qophaa’eerratti hirmaataniiru.

Duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame erga xumuramee booda naannichaatti hojii hojjetamaa jiru ilaalchisee Ministiroota kanneeniif ibsa taasiisaniiru.

Lammiilee miidhaaman dhaabuu fi bu’uuraalee misoomaa deebisaanii ijaaruuf hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Walga’ii kanarratti komishinara komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammat dabalatee hoggantoonni komishinichaa fi Ministiroonni Dhimma Alaa hirmaachuu himameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.