Fana: At a Speed of Life!

Hooggantonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa miseensoota tumsa bizinasii idil addunyaa Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC)- Hooggantonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee miseensoota tumsa bizinasii idil addunyaa Raashiyaa magaalaa Seent Piitariisbaarg waliin mari’ataniiru.
Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbayii fi hooggantonni olaanoo bulchiinsa magaalicha, miseensoota tumsa bizinasii idil addunyaa Raashiyaa magaalaa Seent Piitariisbaarg irraa walitti babba’aan waliin filannoowwan daldalaa fi invastimantii garagaraarratti mari’ataniiru.
Guddina magaalitti kan aarifachisaan dameewwan teeknoolojii, daldalaa invastimantii bulchiinsa magaalicha waliin hojjechuuf filannoowwan bizinasii qaban hoggantootaa kanneeniif ibsaniiru.
Miseensoonni kunneen biyyoota Awrooppaa fi Afrikaatti doolaraa biiliyoona 5 oliin dameewwan invastimantii garaagaraatti bobba’uu isaanii himaniiru.
Marichaan obbo Zhaanxiraar Abbay, dhaabbileen garaagaraa magaalichatti ijaarsa manneen jireenyaa ammayya’oo fi gatii gadi aanaa qaba, ittisa balfaa gogaa, saayinsii fi teknooloojiirratti yoo hojjetan bu’a qabeessa akka ta’an ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.