Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti Indaastiriiwwan miidhamanii turan gara hojiitti deebisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaggeeffameen Indaastiriiwwan miidhamanii turan gara hojiitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
Indaastiriiwwaan naannichatti argaman gara hojii oomishaatti akka deebi’aniif koreen hamma miidhaa isaanii qoratu dhaabbatee gara naannichaatti ergamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.
Qorannicha bu’ura taasiisuun manni hojichaa furmaata laachuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Indaastiriiwwan oomishaa gara hojii idileetti akka deebi’an tattaaffii taasiifamu cinaatti naannicchatti hanqinni dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa akka hin muuddanne dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Malaakuun ibsaniiru.
Indaastiriiwwan oomishaa kunneen gara hojii idilee isaaniitt akka deebi’aniif hojii bulchiinsi yeroo naannichaa fi Ministeerichi hojjetaa jiru tumsuuf qooda fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa isaanii ba’uu akka qaban waamichi dhiyeessuu isaanii ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriiwwaniirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.