Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa guyyaa qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaan itti laatamu akka ifoomsu gaafatame

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC)-Ministeerri Barnootaa guyyaa qormaatichi itti laatamu dursee ifoomsuu akka qabuu Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaadachiiseera.
Ministeerichis guyyicha dursee ifoomsuuf taableettoonni kuma 400 qormaatichaaf barbaachiisan gara biyyaa galuu qabu jedheera.
Koreen Dhaabbii Eegumsa Naannoo fi Horsisee Bultootaa fi Qonnaa mana marichaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa hojiilee horsisse bultootaa fi naannoolee deeggarsa barbaadani biratti ministeerichaan hojjetaman qorateera.
Gabaasa ministeerichi korichaaf dheesseen naannoole horsiisee bultootaa Affar, Gaambeella, Somaalee, Beenishaanguul Gumuuz, Oromiyaa fi Kibbaatti barnoota eegalchiisuuf hojjetaa tureera.
Naannoolee kanneenitti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf meeshaalee dhiheessi guutuun barnoonni eegaleera; kutaaleen dabalataa ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanqina barsiisootaa furuuf barsiisoonni tola oltootaa hirmaataa jiru jedhameera.
Haata’uuti naannoolee kanneenitti barnoota sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaatti jiran barattoonni giddugaleessaan % 30 ta’an hanga ammaatti gara mana barumsaatti hin deebinee jedhameera.
Waliitti qabduun Koree Dhaabbii kanaa Aadde Almaaz Massala, sosochii uummataan barattoonni gara mana barumsaatti deebi’uu akka qaban ni barbaachiisa jedhaniiru.
Naannolee fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun sagantaan nyaata barattoota eegaluu akka qabuus Aadde Almaaz hubachiisaniru.
Akka Aadde Almaaz ibsanitti, naannoolee deeggarsa barbaachiisaan dabalatee qormaanni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa guyyaa itti kennamuu ifatti beekamuu akka qaba jedhaniiru.
Kunis barattoonni qoramaataaf akka of qopheessan fi maatiinis akka tasgabbiin ijooleee isaanii hordoofan ni taasisaa jedhaniru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.