Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsitiin Dambii Doolloo barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture eebbisiise

uunvarsitiin Dambii Doolloo barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC) – Yuunvarsitiin Dambii Doolloo barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 59 eebbisiisee jira.
Yuunvarsitichi barattoota sagantaa idilee 760 fi idileen ala 299 barsiisaa ture eebbisiiseera.
Barattoota har’a eebbifaman keessaa 543 dubartoota ta’uu daaryeektarri qunnamti hawaasaa fi hariiroo alaa gargaaraan proofeesaraa Tamasgeen Alamuun himaniru.
Sagantaa eebbaa kanarratti mana maree bakka bu’oota uumataatti walitti qabaan kooree dhaabbii hariiroo alaaf i dhimmoota nageenyaa Dooktar Nagarii Leencoo,hogganaan Biroo bishaanii fi Inarjii naannoo Oromiyaa Dooktar Injinar Habtaamuu Itafaa,walitti qabaan boordii yuunivarsitii Dambii Doolloo obbo Tafarii Xiyaaru,hogganaan biiroo dhimmoota kominikeeshini mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Getaachoo Baalchaa fi keessummoonni waamichi taasiimafeef argamaniru.
Hoggantoonni fi keessummoonni kabajaa sirna kanarratti argaman ergaa dabarsaniin eebbi kun jalqabaati malee kan dhumaa waan hin taaneef sadarkaa olaanaatti ce’uuf hojjechh akka qaban eebbifamtootaaf dhaamaniiru.
Kana malees hojii eegdoota osoo hin taane hojii uumtoota ta’uu akka qaban ergaa dabarsaaniiru.
Yuunvarsitichi hojii baruuf barsiisuutiin alatti tajaajiila hawaasummaa dhimmoota qonna,albuudaa fi Tuuriizimirratti hojjachaa akka jiru fi 2022tti yuunivarsitii sadarkaa Afrikaatti beekamaa akk ta’uuf muul’ata qabatee hojjachaa jiraachuu preezdaantiin yuunivarsitichaa Dooktar Lataa Tasfaayeen ibsaniru.
Qaamoota yuunivarsitichi sadarkaa kana akka ga’uuf ga’ee guddaa taphatan 3f badhaasni laatameera.
Yuunivarsitichi yeroo ammaa sagantaa idiilee fi idilee alaan muummeewwan garaagaraan barattoota kuma 4 ol barsiisaa jiraachuu ibsameera.
Daagmaawii Deeksisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffann
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.