Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa Fawuundeeshiinii Dibooraa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Ministeerri Barnootaa fi Fawuundeeshiinii Dibooraa damee barnootaa irratti waliin hojjechuuf dhimmoota isaan dandeesisuurratti sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Sirnicharratti hooggantoonni olaanoo dhaabbata lameenii kan argaman yoo ta’u, waliigaltichi barnootni hundagaleessaa fi qulqulliinaa qabu hunda bira akka qaqqabuuf akka hojjetu ibsameera.
Kaayyoon waliigaltichaa daa’immaan rakkoo sammuu qaban barsiisuu kan dandeessisu leenjii barsiisootaa akka jiraatu taasisuu fi barnoota qulqullina qabu dhiyeessuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.
Akkasumaas, dhiyeessiifi rabsaa meeshaalee barnootaa irratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu fi mirga barnoota daa’imman rakkoo samuu qabanii deeggaruuf kan dandeesiisu ta’uu eerameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.