Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan ministira dhimma alaa fi tumsa idila addunyaa mootummaa federaalaa Soomaaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ministira dhimma alaa fi tumsa idila addunyaa mootummaa federaalaa Soomaaliyaa Mohaammad Abdiiraazaaq waajjira isaanitti simachuun waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan Ityoophiyaa fi Soomaliyaan hariiroo cimaa qabaachuu ibsaniiru.
Ummata biyyoota lamaanii gidduu walitti dhufeenyi gaariin jiraachuu himaniiru.
Hariiroo biyyoota lamanii caalmaatti cimsuuf Ityoophiyaan waan irraa eeggamu hunda kan taasiiftu ta’uu waadaa galaniiru.
Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa Ityoophiyaa, filannoo marsaa 6ffaa barana gaggeeffamu fi dhimmoota waqtaawaa Baha Afrikaarratti ibsa taasiisaniiru.
Ityoophiyaan filannoo gaggeessuuf qophii taasiisaa jiraachuu ibsuun, Filannoon Soomaaliyaan gaggeessuuf jirtus akka milkaa’u hawwii qaban ibsaniiru.
Mohaammad Abdiiraazaaq gama isaaniin, Soomaaliyaan akka tasgabbooftuuf deeggarsa Ityoophiyaan taasiisaa turte galateeffataniiru.
Soomaaliyaan rakkoon nageenyaa Kaaba Ityoophiyaatti muudatee ture dhimma keessoo ta’uu ni hubatti kan jedhan, duula olaantummaa seeraa kabachiisuuf gaggeeffame kan deeggartu akka ta’e dubbataniiru.
Tumsa nageenyaa gaanfa Afrikaatti taasiifamu cimsuuf Soomaaliyaan murannoo qabaachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.