Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Kaabaatti balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoota 45 irra miidhan qaqqabe

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu ganda Wuuyyee Goseetti balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota 2 battalati kan darbe yemmuu ta’u namoota 45 ta irra miidhan qaamaa cimaa fi salphaan ga’uu ibsame.

Konkolaataan ‘ISUZU’ namoota humnaa ol fe’ee ganda qonnaan bulaa Jilaa Qeerransaa irraa gara magaalaa Garba Gurraachaa imalaa ture ganda Wuuyyee Gosee iddoo addaa ‘Boquu’ jedhamutti garagaluun konkolaachisaa dabalatee battalumati lubbuun namoota 2 kan darbe yemmuu ta’u,namoota 45 irra miidhan qaamaa cimaa fi salphaan ga’eera jedhame.

Namoonni miidhan qaamaa cimaa fi salphaan irra qaqqabe Hospitaala Walii galaa Kuyyuutti yaallamaa jiraachuu waajjirri dhimmoota kominiikeeshinii mootummaa aanaa kuyyuu beeksiseera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.