Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Ityoophiyaa kuma 34 ol Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf murtaa’e – Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa kuma 34 ol Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf murtaa’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makkooniin ibsaniiru.

Wixinee imaammata alaa fooyye’een dippiloomaasiin lammiilee ijoo ta’uu himaniiru.

Obbo Dammaqaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koree Dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa, Ministeera Dhimma Alaa wallin raawwii hojii baatiwwan jahaan darbaniirratti ibsa taasiisaniiru.

Lammiilee sababa weerara vaayrasii koroonaan biyyoota Baha giddugaleesstti rakkataa jiran gara biyyaatti deebisuuf dippiloomaasii lammiileerratti hojii hedduun hojjetamuu himaniiru.

Haaluma kanaan Lammiilee Ityoophiyaa kuma 34 ol Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessa jiran hatattamaan gara biyyaatti akka deebi’an adda bahuu ibsaniiru.

Akkaatuma torbanitti namoota kuma 1 deebiisuuf karoorfameen yeroo dhiyootti deebi’uu ni eegalu jedhan.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.