Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa Dhaabbilee Itti Waamaman Waliin Ta’uun hojiilee gurguddoo baatiwwan 6 darban raawwataman gamaaggame

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Ministeerri Fayyaa Dhaabbilee Itti Waamaman Waliin Ta’uun hojiilee gurguddoo baatiwwan 6 darban raawwataman gamaaggame.
Ministeerri Fayyaa Dhaabbilee Itti Waamaman Waliin Ta’uun hojiilee gurguddoo baatiwwan 6 darban raawwatamanii fi bu’aa argaman qorachuu beeksise.
Akkasumas weerara vaayraasii koroonaa Ittisuu fi too’achuu keessatti hojiin hojjetames qoratameera.
Qorannoo kanaanis bittaa meeshaalee Fayyaa irratti rakkoon akka jiru hubachuun qaamooleen dhimmii ilaallatuun akka sirreefamuu taasisuu qabu kallatti kennameera jedhame.
Dabalataanis hojiin tajaajila Inshuraansii Fayyaa naannoleetti eegalamee cimee akka itti fufu qabuufi labsiin inshuransii fayyaa akka ragga’auufis xiyyeeffannoon itti kennamee akka hojjetamuu ibsame.
Gama biratiinis dhimma ittisa HIV/AIDSfi dhukkuboota tasaa balaa fidaniifi haala itti deebiin kennamuu danda’amu irrattis qindoominaan hojjetamuu akka qabu kallattiin ka’ameera.
Weerara vaayirasii koronaa waliin walqabatee jiru hawaasni dagannaa keesaa bahee akka of eeggachuu qabu taasisuu irrattis hojjetamuu akka qabu himameera jedhame
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.