Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afriikaa talaallii Covid-19 doozii miiliyoona 400 dabalataan argachuu beeksise.

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Gamtaan Afriikaa talaallii Covid-19 doozii miiliyoona 400 dabalataan argachuu beeksise.
Gamtaan Afriikaa talaallii Covid-19 akka argattuuf duraan waadaa galameefii ture doozii miilyoona 200 fi miiliyoona 70 irratti dabalataan ammas doozii miiliyoona 400 argachuu ibseera.
Kan ammaa kana dabalatee Afriikaan hanga ammaatti talaallii doozii miiliyoona 670 karaa garee dhimma talaallii irratti hojjetuu(AVATT) argatteetti.
Dhaabbati akka addunyaatti biyyoonni hunduu karaa haqaa fi madaalawaa ta’een talaallicha akka argatan hojjetu, kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaan hoogganamu, Covax, ammoo doozii miiliyoona 600 waadaa seeneef.
Talaalliin doozii miiliyoona 400 Afriikaan amma argadhe jettu kun AstraZeneca yoo ta’u kan argames jaarmiyaa biyya Indiyaa, ‘Serum Institute of India’ jedhamurraati.
Walumaa galatti kan Gamtaan Afriikaa argadhe jedhee fi kan Dhaabbati Fayyaa Addunyaa waadaa gale dabalatee biyyoonni Afriikaa talaallii Covid-19 doozii biiliyoona 1.27 argachuuf.
Afriikaan uummatashee keessaa dhibbeentaa 60 talaalchisuuf talaallii doozii biiliyoona 1.5 ishee barbaachisa.
Biyyoonni Afriikaa hedduun sababa hiyyummaatiin lammiileesaanii talaalchisuu hin eegalle yookiin hin karoorsine.
Biyyoonni hiyyeeyyii ta’an akka hin gargaaramneef ammoo dhiibbaan biyyoota dureeyyii salphaa miti, jaarmiyaaleen deggersa kennan olaantummaa dureeyyotaan hojiinsaanii gufachaa jiraachuu ibsu.
Maddi;- BBC
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.