Fana: At a Speed of Life!

Sirna federaaliziimii keessatti barbachisummaa walitti dhufeenya naannoleerratti mariin xiyyeeffate magaalaa Bahiir Daaritti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC ) – Sirna federaaliziimii keessatti barbachisummaa walitti dhufeenya naannoleerratti mariin xiyyeeffate magaalaa Bahiir Daaritti gaggeeffamaa jira.
Mariin kun qopheessummaa Mana Marii Federeeshinitiin kan qophaa’e yoo tahu , walitti dhufeenya gaariin naannoleen walii walii isaaniin qaban akkaataa cimuun danda’uufi walitti dhufeenyi naannolee waliin qaban gumaacha ijaarsa sirna federaalizimiif qabuu fi dhimmoota kanneen biroorratti ni mari’atama.
Marii kanarratti naannoleen kaabaa Ityoophiyaa fi lixa Ityoophiyaan Wal daangeessan naannoon Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayi , Beenishaanguul Gumuuzii fi Gambeellan hirmaachaa jiru.
Maricharratti Af-yaa’iin mana maree federeeshinii obbo Adam Faaraa, Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee preezdaantoonni naannolee kanneen biroo argamaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.