Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Daldalaa Chaayinaa Ministeera Barnootaaf deeggarsa meeshaalee COVID-19 taasise

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC)- Manni Maree Daldalaa Chaayinaa Ministeera Barnootaaf deeggarsa meeshaalee vaayrasii koroonaa taasiseera.
Deeggarsichis manneen barnootaa banaman keessaatti itti vaayrasii koroonaatif oola jedhameera.
Ministirri Ministeera Barnoota Dooktar Geetahuun Makuriyaa gorsa dhimmoota daldalaa fi diinagdee Imbaasii Chaayinaa Liiyuu Yuunaa bakka buutootaa kaampaanicha harka meeshaalee deeggarsa taasifamee fudhaniiru.
Deeggarsichaan haguugduu afaanii fi funyaanii kuma dhibba 5 fi meeshaalee ho’ina qaama adda baasan tilmaama Birrii miiliyoona 11 qabanii haammatamaniiru.
Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffi taasiftuu keessaatti deeggarsi mootummaan Chaayinaa fi hawaasa daldalaa olaanaadha kan jedhan ministirichi deeggarsa manni maree Chaayinaa taasiseef galateeffataniitu.
Yeroo itti aanufis deeggarsichi cimee akka itti fufuu ibsamuu ragaan Ministeera Barnootaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.