Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Af yaa’iiwwan federaalaa fi naannoolee boruu eegalee magaalaa Laallibalaatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Waltajjiin marii Af yaa’iiwwan federaalaa fi naannoolee Af yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummatta obbo Taaggasee Caafoon durfamu boruu eegalee magaalaa Laallibalaatti ni gaggeeffama jedhame.

Af yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummatta obbo Taaggasee Caafoo, itti aantuu isaanii aadde Shittayyee Minaalee, Af yaa’iin mana maree Federeeshinii obbo Adam Faaraahii, itti aantuun Af yaa’ii mana maree Federeeshinii Itsagannat Mangistuu fi Af yaa’iiwwan naannoolee har’a wayita Laallibalaa ga’an simannaa hoo’aan taasiifameefira.

Sirna simannaa booda Af yaa’iiwwan kunneen hoggantoota mootummaa biroo waliin ta’uun mana Amantaa Laallibalaa daawwataniiru.

Waltajjiin marii Af yaa’iiwwan federaalaa fi naannoolee Af yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummattaa obbo Taaggasee Caafoon durfamu boruu eegalee magaalaa Laallibalaatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.