Fana: At a Speed of Life!

Ministirri alaa Ingiliiz Doomiiniik Raab biyyi isaanii michummaa Ityoophiyaa waliin qabdu caalmaatti kan cimsitu ta’uu ibsan

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Preezdaant Saahilawarq fi Dammaqaa Makoonniin Ministira Dhimma Alaa Ingiliiz Doomiinik Raab waliin mari’ataniiru.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee fi itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera dhimma alaa obbo Dammaqaa Makoonnin Ministira Dhimma Alaa Ingiliiz Doomiiniik Raab waliin hariiroo waloo biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame milkiin xumuramuu Doomiiniik Raabiif ibsa taasiisaniiru.
Yeroo ammaatti naannicha deebisanii ijaaruu fi deeggarsa namoomarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsa taasiisaniiru.
Naannichaatti % 85 dhiyeessin midhaan nyaataa fi qorichaa walga’uu ibsaniiru.
Rakkoo daangaa Ityoo – Sudaaniin walqabatee jiru Ityoophiyaan karaa nagaan furuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Ingiliiz Doomiiniik Raab gama isaaniin hariiroon Ityoophiyaa fi Ingiliiz bara dheeraa kan lakkoofsiise hariiroo cimaa ta’uu ibsaniiru.
Yeroo itti aanuu biyyi isaanii michummaa Ityoophiyaa waliin qabdu caalmaatti kan cimsitu ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan Afrikaatti nagaa buusuuf hojii hojjechaa jirtuuf Ingiliiz deeggarsa taasiisuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.
Mootummaan deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasiisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Ityoophiyaa fi Ingiliiz hariiroo waloo waggoota 70 ol lakkoofsiise qabaachuu isaanii himameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
0
People Reached
0
Engagements
Boost Post
Like

Comment
Share
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.