Fana: At a Speed of Life!

Meensoonni diyaaspooraa Ityoophiyaa Maaddii Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 27 taasisaan

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC)- Meensoonni diyaaspooraa Ityoophiyaa Maaddii Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 27 taasisuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Deeggarsicharratti kan hirmaatan keessaa torbe dhufuu sagantaa affeerra irbaataarratti akka hirmaataniif miseensoota diyaaspooraa 11f carraan ba’eef ifoomeera.
Ministir Deettaan ministeera dhimma alaa aadde Burtukaan Ayyaanoo akka himanitti, proojektoota naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Kibbaatti ijaaramaniif diyaaspooraan bifaa garagaraatin deeggarsa taasiseera jedhan.
Proojektoota Kooyishaa, Gorgoraa fi Wanciif Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamicha taasisaniif diyaaspooraan deeggarsaa fi waloo agarsiisaa jira jedhaniiru.
Bara kana diyaaspooraan biyyoota addunyaa garagaraatti argaman proojektii maaddii biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf karoorsu ibsameera.
Kurmaana 2ffaatti Birrii miiliyoona 15 walitti qabuuf karoorfameen Birriin miiliyoonni 27 walitti qabamuus ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.