Fana: At a Speed of Life!

Sudaan daangaa ishee cimsitee akka eegduuf malee lafa Ityoophiyaa akka qabatuuf eeyyama kan laate hin jiru – Ministeera dhimma Alaa

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC ) – Ityoophiyaa fi Sudaan gidduu burjaajjiin jiru karaa nagaan akka furamuuf Ityoophiyaan ammas qophii ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa muftii himaniiru.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa mufti ibsa laataniin, sochiin Sudaan naannoo daangaatti taasiftu fedhii ummata biyyattii mitis jedhaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa wayita olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayyitti eegale Sudaan naannoo daangaa cimsitee akka eegduu Ityoophiyaan yaadachiifte turte.
Haata’uutii loltoonni Sudaan daangaa ce’uun lafa Ityoophiyaa too’ataniiru jedhan.
Mootummaan Ityoophiyaan loltoonni Sudaan lafa Ityoophiyaa qabatan gadi dhiisaanii akka bahaniif yaadachiisuu beeksiseera.
Haata’utii, ammas dhimmi daangaa biyyoota lameen giduu jiru gara walitti bu’iinsatti fudhachuun qaamoleen socho’an jiraachuu kaasaniiru.
Hidha haroomsa guddicha waliin walqabate mariin Ityoophiyaa,Sudaanii fi Gibtst gidduutti mari’atamuusaa isaa himaniiru.
Faayidaa hidhi guddichi qabu Suudaan kan fayyadu ta’uu isaa ibsuun, Ummani Sudaanis haqa kana ni beeka, Ityoophiyaaniis ijaarsa hidha guddichaa itti fufti jedhan.
Dhimma Ityoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru ilaalchisuun biyyoota garagaraaf ibsi laatamaa jiraachuu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.