Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen haala fuula duraa sirna barnoota idil addunyaarratti mari’achuu fi karoora baasuuf komiishini hundaa’ee walitti qaban

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC) Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen haala fuula duraa sirna barnoota idil addunyaarratti mari’achuu fi karoora baasuuf komiishini hundaa’ee walitti qaban.
Komiishinichi ogeeyyii fi hayyoota idil addunyaarra walitti babba’aan kan haammateedha.
Gara fuulduraatti barnoonni ammayyaawaa fi hundi haammatoo maali fakkaachuu akka qaburratti imaammata baastotaaf, barsiisotaa fi barattootaaf qajeelcha ta’ee akka gargaaru gabaasa qopheessaa jira.
Miseensoonni komiishinicha hanga ammatti hojii bobba’eerratti mari’ateera.
Gabaasichi dhuma bara Faranjoota 2021 ni maxxanfamaan eegama.
Komiishinichi bara Faranjootaa 2019 yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niiwuyoorkitti qophaa’eerratti hundeeffamuun isaa ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.