Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waldaa Hakiimota Oromiyaa 3ffaa’n Finfinneetti taa’amaa jira

Finfinnee, Amajjii 9, 2013 (FBC ) – Yaa’iin Waldaa Hakiimota Oromiyaa 3ffaa’n Finfinneetti taa’amaa jira.
Waldaan Hakiimota Oromiyaa erga hundeeffamee waggaa 3 ta’eera.
Waldaan kun erga hundeeffamee hawaasaaf tajaajila ogummaa kennaa jiraachuun himameera.
Keessattuu rakkoo Addunyaa guutuu balbala cufsiise ‘Covid 19’n wal qabatee hakiimotni kun tajaajila ogummaa kennaniin cinatti, hakiimota biyya alaa jiran hirmaachisuun meeshaalee wal’aansaa fayyaa alaa galchuun gahee guddaa bahachaa akka turan walitti qabaan boordii Waldaa Hakiimota Oromiyaa Dooktar Sanbataa Guuttataa himaniiru.
Akka OBN gabaaetti yeroo namni manatti deebi’ee balbala cufatetti hakiimota lubbuu isaanii aarsaa godhanii lubbuu baraaruuf hojjechaa turaniif galata guddaan qabaa jedhan hoogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa.
Bu’uurri kenniinsa tajaajila fayyaa wal amanuudha,hanqina hawaasni kenniinsa fayyaa irratti kaasuu fi komii ogeeyyii fayyaa bira jiru hiikuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qabas jedhan.
Oromiyaa keessatti dhaabbileen fayyaa miti mootummaa fi dhuunfaa 6,000 akkasuma kan mootummaa 8,500 caalu tajaajila wal’aansa fayyaa kennaa jiraachuun himameera.
Rakkoo hanqina ogeeyyii fayyaa jiru furuuf hojjetamaa jiras jedhan.
Qaamolee biyya keessaa fi alaa hawaasa tajaajiluuf gahee guddaa bahataniifis beekamtiin kennameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.