Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa baatii 5tti karoora ol galii walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa bara baajataa 2012tti Birrii biiliyoona 22 walitti qabuuf karoorsee, baatii shan keessatti Birri biiliyoona 10 walitti qabuu beeksise.

Baajata bara darbee waliin wal bira yoo qabame ilaalamu Birrii miiliyoona 1.9 caalmaa akka qabu ibsameera.

Naannichatti baatii shan keessatti kaffaltoonni gibiraa tokko tokko nagahee gurgurtaa meeshaa kennuuf eeyyamamoo miti jedhameera.

Kaffaltoota gibiraaf hojii hubannoo uumuun kan hojjetame yammuu ta’u, tarkaanfiinis fudhatamuu Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa beeksiseera.

Biirichatti daayreektarri barnootaa fi koominikeeshinii obbo Lammeessaa Ayyalaan akka jedhanitti, kenniinsa tajaajila ammayaa’aa laachuuf hojjetamaa jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.